Lola Tigiraay: Jabuutiin lolli Itoophiyaatti dhalate karaa mariin akka furamu waamicha dhiyeessite

Pirezedantiin Jabuuti Ismaa’el Omar Gulii fi gorsaan addaa dhimma nageenyaa MM Abiyyi Ahmad, obbo Gadduu Angargachoow wajjin erga mariyataniin booda waamicha kana dhiyeessan.


Televizhinii biyyaaleessaa Jabutiirratti Ministirri haajaa alaa biyyattii Mahamud Alii, mootummaan lolicha‘’ittii dhiyeenyaan hordofaa jira’’jedhan.
Jabuutiin akka ibsitetti, mootummaan Abiyin durfamu tokkummaa Itoophiyaa eegsiisuuf ‘wabii tokkicha hafe’ jedhee ibse.


Itoophiyaan garuu TPLF wajjin karaa mariin waldhibdee jiru furachuu diduun aangoorra buusutti cichaniiru.Ministirri Muummee Abiyi tarkaanfiin waraana TPLF irratti fudhatamuu kan eegale maadheen waraanaa guddichi Tigiraayitti argamu haleelamuu hordofuuni. Kanaafuu lolichis, qondaaltonni TPLF wayita hidhamanii seeratti dhiyaatan xumuramaa jedhu.


TPL garuu erga Abiy aangoo bara 2018 qabatee asi miseensonni keenya ‘’ miidhamoo’’ta’an jedhee himata.


Itti dabaluunis, MM Abiyi sirna abbaa irree Itoophiyaatti hundeessuuf tattaafataa jiraa jedhee himata.


Walitti bu’insaa giddusaanitti hammaate kana baqachuun namoonni kuma hedduutti lakka’aman Sudaan kan seenan yoo ta’u, baqattootni Sudaan seenan 200,000 gahu akka malan Sudaan akeekkachiiftetti.


Wixata kaleessaa hoggantoonni biyyoota Yugaandaa fi Keeniyaa Ministira Muummee itti aanaa Dammaqaa Mokonnin wajjin mariyatan, lolli biyyatti keessatti gaggeeffama jiru mariin furamee akka goolamu waamicha dhiyeessuun isaanii ni yaadatama.


Mootummaan federaalaa TPLF waliin araara buusuu akka hin barbaanneefi tarkaanfii seera kabachiisu fudhachaa akka jiru himeera.
MM Abiy Ahmad guyyoota itti aanan keessatti tarkaanfiin seera kabachiisu inni xumuraa humna hidhatee Tigraay keessa jiru irratti ni fudhatama jedhan Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad.


Wal-dhibdeen mootummaa federaalaa fi paartii naannoo Tigraay bulchu TPLF gidduu ture hammaatee gara wal-waraansaatti erga ce'ee booda mootummaan tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhachaa akka jiru ibsa.
Haala kanaanis mootummaan federaalaa humna addaa Tigraayiifi milishaa naannoo Tigraay karaa nagaan akka harka isaanii Raayyaa Ittisa Biyyaaf kennaniif yeroo kenneefii turuu ibseera.
Yeroon isaan akka harka kennataniif kennameef waan xumurameef tarkaanfii isa xumuraaf qophaa'uu ibsan Ministirri Muummee Abiy Ahimad.


Lammiileen Itoophiyaa 30,000 gahan hanga ammaatti lolicha baqatanii Sudaan galuu UNHCR himeera.

I BUILT MY SITE FOR FREE USING