Lola Tigraay: Guyyoota itti aanan tarkaanfii seera kabachiisuu isa xumuraatu fudhatama - MM Abiy Ahimad

Lola Tigraay: Guyyoota itti aanan tarkaanfii seera kabachiisuu isa xumuraatu fudhatama - MM Abiy Ahimad

Wal-dhibdeen mootummaa federaalaa fi paartii naannoo Tigraay bulchu TPLF gidduu ture hammaatee gara wal-waraansaatti erga ce'ee booda mootummaan tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhachaa akka jiru ibsa.

Haala kanaanis mootummaan federaalaa humna addaa Tigraayiifi milishaa naannoo Tigraay karaa nagaan akka harka isaanii Raayyaa Ittisa Biyyaaf kennaniif yeroo kenneefii turuu ibseera.

Yeroon isaan akka harka kennataniif kennameef waan xumurameef tarkaanfii isa xumuraaf qophaa'uu ibsan Ministirri Muummee Abiy Ahimad.

Ministirri Muummee Abiy ergaa kana har'a ganama Afaan Amaaraa fi Afaan Tigreetiin miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti barreessuun beeksisan.

Humni addaa fi milishaan naannoo Tigraay karaa nagaan harka kennatee ofiifis ta'e uummati akka nagaa argatuuf yeroon kaa'ameef xumuramuus ibsaniiru.Humnootii naannoo Tigraay kunneeniif Sambata darberraa eegalee guyyan sadi kan kennameef yoo ta'u, kun amma waan xumurameef tarkaanfiin inni xumuraa fi inni murteessaan itti aanee kan fudhatamu ta'a jedhan.

Hanga yoonaa humnoonni addaa naannoo Tigraay meeqansaanii raayyaa ittisa biyyaatti harka kennatan kan jedhu beekamuu baatus miseensonni harka kennitan akka jiran garuu miidiyaaleen biyya keessaa guyyoota darban keessa gabaasaa turan.

Lola mootummaa federaalaa fi hidhattoota TPLF'f amanamoo ta'an gidduutti torban lama dura eegaleen namoonni ajjeefamanii fi madaa'an jiraatanis garuu lakkoofsa isa sirrii argachuun hin danda'amne.

BBC

I BUILT MY SITE FOR FREE USING